Waraqaan ykn Erbaalli meeshaa haphii kan irra caalaan isaa qaaccaa mukaa, margaa, ykn jibrii(cotton) irraa hojjetamuudha. Innis qaaccaawwan kun bishaan keessatti jiifamanii erga walitti makamanii booda, laafanii walitti maxxanuun, diriirfamanii, fi gogfamanii uumama.