Iluu Abbaaboor godina Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Daangaan Iluu Abbaabooraa kibbaan Saba fi Sab-lammoota Ummattoota kibbaan, kibba-dhihaan mootummaa naannoo Gaambeellaa, dhihaan Baha Wallaggaa, kaaban mootummaa naannoo Benishangul-Gumuzii fi bahaan Jimman marfama.