Agargoon ykn shaqatni (Afaan ingiliiziin:- Data) walitti qabama dhugaa (facts), ilaalcha (observations), safartuu (measurements), yookiin wantoota mataa isaanii qofaatti hiika gadi fageenyaa hin qabne kan kaayyoo adda addaatiif walitti qabame, kuufamee fi xiinxalamuuf qophaa'edha.